• Oromia

East Shewa Zone Finance and Economic Development Bureau

(Jan 18, 2025)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa

Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa bara oomishaa 2017/18 Xa’oo geejibsiisuf abbootii qabeenyaa geejibaatiif caalbaasii ifaatiin gatii geejibsisaa dorgoomsisuu barbaada.

Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gaditti kaa’ame guutuu danda’an akka dorgoman affeeramaniru.

1. Dorgomtoonni hojii kana irratti ykn hojii walfakkaatatiin yoo xiqqaate muuxannoo hojii waggaa 2 kan qaban ta’ee ragaa isaa kan dhiyeefachuu danda’u.

2. Dorgomtonnii tajaajila geejibaa irratti boba’aan hayyama daldalaa bara 2017 haar- omfame fi waraqaa qulqullinaa kaffaltii gibira bara 2017 ittiin kaffalee dhiyeessu kan danda’anu akkasumas Galmaa’aa TIN kan ta’ani fi Ragaa dhiyeessuu kan danda’an.

3. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 200 (dhibba lama) kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waa- jjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa biiroo lakkoofsa 15 tti dhiyaachuun bitachuu ni danda’u

4. Dorgomtonni Sanada caalbaasii bitachuuf yeroo dhufan hayyama daldalaa bara 2017 haaromfame fiduu qabdu.

5. Dorgomaan kamiiyyuu caalbaasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasii- chatiif CPO qr. 200,000 (kuma dhibba lama) baankidhaan mirkana’een caalbaasii kanaaf oolu, maqaa yuuniyeenii irratti dorgomeen tokkoon tokkoon isaaniitiif adda addaan kan qabamu ta’e maqaa waajjira Waldaa Hojii Gamtaa Godina Shawaa Ba- haatiin qabsisuudhan sanada caalbaasii waliin dhiyaachuu qaba.

6. Dorgomaan wabii caalbaasii qarshii 200,000 (kuma dhibba lama) qabsiisee ture wabii haaraa qarshii kuma 500,000.00 (kuma dhibba shan) CPO baankiin mirkana’ee tokkoon tokkoon yuuniyeenii irratti mo’ateef qabsisuu fi libree konkolaattota fe’umsaa lama erga dhiyeessee booda Gatiin kabachisa caalbaasii qarshii 200,000 (kuma dhibba lama) duraa qabsiise turee ni deebi’af

7. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasichaa Invilooppii saamsameen sanadaa teeknikaa orijinaalaa fi koophii kophaa kophaatti qopheessuun saamsee dhiyeessu qaba. Akkasumaas dorgomaan kamiyyuu sanadaa caalbaasichaa faayinansii orijina- laa fi koppii isaa kophaa kophaatti saamsuudhan dhiyeessuu qaba.

8. Sanadni Caalbaasiif dhiyaatuu haqamaa fi laaqama kan hin qabne ta’ee ifa ta’ee bareefamuu qaba.

9. Sanadni Caalbaasichaa guyyaa beeksisni kun gaazexaa Addis Zaman irratti maxx- anfame irraa eegalee guyyoota hojii kudha shan (15) walitti aansuun sa’aatii 2:30 hanga 11:30tti gurgurame guyyaa sanadni gurguramuu eegaluu, irraa eegalee hanga (16) guyyaa hojii kudha jahaffaatti hanga sa’aatii 6:00 A.M tti Sanduuqa caalbaasii caalbaasichaaf qophaa’e keessatti sanada Caalbaasii erga galee booda sanduuqicha saamsuun guyyama kana jechuun guyyaa 16 ffaa (kudha jahaa) guyyaa hojii guyyaa keessa sa’ati 8:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’aan Dhaabbatichaa seeraan bakka bu’oonni fi qaamni hirmaachuu barbadu argamanitti ni banama.

10. Dorgomaan calbaasii kana irratti hirmaachuuf galmaa’u kamiyyuu guyyaa dhumaa caalbaasiin xumuramutti sanada caalbaasii bitachuuf gaffii dhiyeesse irratti komii yoo qabatee EBWHG Godina Shawaa bahatti lakkoofsa bilbilaa 022-112-36-52 irratti bil- biluun komii dhiyeessu ni danda’a.

11. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasii irratti ibsa,sirreeffama, yaada fi gaaffi yoo qabaate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5 (shan) dura barreefaman waa- jjirichaaf dhiyeessuu qaba. Kana malees, waajjirichis sanada caal-baasii irratti sirreef- fama ykn yaadni fooya’insaa yoo jiraate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5 (shan) dura dorgomtootaf barreefaman kan beeksisuu ta’uu beekuu qabu. Haa ta’u malee guyyaa jedhame kana booda sirreeffama taasifamu, yaadas ta’ee gaaffii dhi- yaatu fudhatama kan hin qabne ta’uu beekamuu qaba.

12. Dorgomtonni akkaataa armaan olitti ibsameen dirqama caalbaasichaa bahuu yoo batan ykn woliigaltee seeran osoo hin rawwatin yoo hafan akkaataa qajeelfama bittaa lakk. 02/2004 fi FA 1/2009 akkasumas labsii lakk. 157/2002 bu’uurefachuun manni hojichaa tarkanfii seera qabeessa ta’ee kan fudhatuu ta’uu bekkamuu qaba.

13. Adeemsi caalbaasichii ittin banamuu dura sanadni teeknikaa orijinaallii erga bana- mee booda bu’aan gamaggama sandaa teeknikaa akkuma dhumeen dorgomtoonii gamaagama teeknikaa darbaan sanadoonni Faayinaansii orijinaalli kan banamu ta’ee dorgomtoonni gamaagama teekinikaa hin darbinee sanadni faayinaansii isaanii osoo hin banamiin kan deebi’uu ta’a.

14. Dorgomaan kamiyyuu dorgommii caalbaasii kan mo’ataan yoo ta’ee fi mo’achuu isaaf kan beeksifame yoo ta’e, bu’uura waliigaltichaatiin guyyaa, bakka murtaa’ee fi sa’aatii murtaa’ee ibsametti dhiyeessuu yoo hin dandeenyee Akka waliigaltee kanaatti gatii waliigalaa keessaa %0.001 ykn 1/1000 guyyaa guyyaan adabama/moo- tummaaf galii ni godha/.

15. Konkolaataan xa’oo kana geejibsiisu inshuraansii kan qabu ta’ee, tokkoon tokkoon konkolaataaf sanadni mirkaneessaa dhiyeessu qaba.

16. Dorgomaan kamiyyuu konkoolaata dhiyeessi galteewwan Qonnaa (xaa’oo) kana geejibu qaama sadaffaa ykn wobii madiin kan qabu ta’ee ragaawwan dhiyeefachuu qaba.

17. Dorgomtooni Ulaagaa ta’ee guutan kamiyuu Yuuniyeenota ibsaman irratti dorgomuu ni danda’uu.

18. Dorgooman yuuniyeenota murasa qofa irratti mo’ata ta’ee yuuniyeenii tokko irratti dorgomaan yoo dhabamee koreen ICU Godinichaatiin qajeelfama hordofee akka bar- baachisummaa isaatti murtee ni kenna.

19. Dhaabbanni mo’ate yeroo Xa’oo geejjibsiisu rakkoolee fi qabeenya badeef itti gaafa- tamummaa guutuu ni fudhata.

20. Koreen ICU Godina Shawaa Bahaa filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta’uun isaa beek- kamuu qaba.

Teessoo: Magaalaa Adaamaa, Mana Maree Daldalaa fuuldura

Lakk. Bilbilaa 022-111-99-86/022-211-43-36 Bilbiluun dubbisuun ni danda’ama.

Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa