
Ginde Beret Wereda Finance and Economic Development Bureau
(Aug 31, 2023)
Caalbaasii Bittaa Meeshaalee
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gindabarat Waajjiroolee isa jala jiraniif Bara Baajataa 2016 kan oolu
- Meeshaalee Dhumeeyyii,
- Qulqullinaa,
- Biiroo keessaa,
- Dhaabbataa,
- Elektirooniksii,
- Motor Saayikilii,
- Meeshaalee Ijaarsaa,
- Uffata Seeraa fi Gommaa Konkolaataa caalbaasii ifaan dorgomsiise bitu barbaada.
Haalawwan Caalbaasichaa
Guyyaa Beeksifni kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaa iirratti maxxanfamee bahee irraa eegalee sanada waa’ee Meeshaalee kan ibsu qarshii hin deebine 100 kanfaluun sa’aatii hojii Mootummaatti Godina Shawaa Lixaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat Lakk. Waajjira 10tti dhiyaachuun guyyoota hojii 15f sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu. Kanaafuu,Qaamoleen caalbaasicharratti hirmaachuu barbaaddan
1. Gibira bara kanaa kan kaffalee fi Ministeerri Maallaqaa imaammata baaseen galmee dhiyeessitoota irratti galmaa’uu isaanii ragaa dhiyeessuu qaba.
2. Ragaa VAT (15) ykn dabalata qabeenyaa fi TIN dhiyeessuu qabu.
3. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasicha gatii waliigalaa irraa CPO’n %2 ykn qarshii 10,000 ol qabsiisuu qabu.
4. Dorgomtoonni caalbaasicha mo’atan meeshaalee waajjira Maallaqaa Aanaa Gidabarat Kutaa Bulchiinsa Qabeenyaatti galii gochuu qabu.
5. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman gatii geejjibaa, baasuu fi buusuu dabalatee sanada caalbaasii irratti guutuun sanada orijinaalaa fi warabbii poostaa samiin saamsame gochuun guyyaa caalbaasichi Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe irra eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15f ta’ee gaafa guyyaa 16ffaa hanga sa’aatii 4:00tti sanada yaada dorgommii saanduqa qophaa’eetti galchuun qabu.
6. Gatii dorgomaan tokko kenne irratti hundaa’uun gatii kennuu dhorkaadha.
7. Caalbaasichi gaafa guyyaa 16ffaa sa’aatii 4:30tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii bakka argamanitti teessoo armaan olitti ibsametti saanduqni caalbaasii ni banama. Garuu guyyichi sanbaataa fi dibataa irra yoo oole guyyaa itti aanu Wiixata sa’aatii jedhametti ni banama.
8. Dorgomtootni meeshaalee barbaadan irratti dorgomuu ni danda’u.haa ta’u malee,baayina meeshaalee gaafatame hir’isanii dhiyeessuun hin danda’amu.
9. Waajjirichi carraa biroo kan argatu yoo ta’e, caalbaasichaa walakkaan ykn guutummaan guutuutti haquuf aangoo guutuu qaba.Aanichi Finfinnee irraa fageenyi irratti argamtu KM183 yoo ta’u,karaan KM 78 Asfaaltii fi KM 105 piistaa dha.Odeeffannoo dabalataatiif Lakk, bilbilaa 0932 27 67 46,0913 14 10 87
Waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat.